Abbootii *Oromoo* Walaloodhan (Oromoo…Kuush…Noh)

OROMOON KAN WAAQOO

mee jedha si’a tokko
hundee sanyii koo
faajii lamii koo.
WAAQOON KAN DADHII
lameeffadhu jedhii
dhugi dhadhii
dhandhamadhu nadhii.
DADHIIN KAN UTTE
horee lafa guute
nyaaphin kan jibbite
baay’achuu argite
ati hoo maal jette?
UTTEEN KAN BITTE
of ta’uu jaallatte?
moo of jibbitee?
Oromoon baay’ee bitee
nyaapha iyyuu dhidhiitee.
BITTEEN KAN WALAABUU
hundee uumaa keenya,
eenyu iyyuu nuun hin falmu!
biyyaa keenya keessatti,
eenyu kan nu jibbuu?
hundeen keenya walaabuu!
eenyu kan nuun falmu?
WALABUU KAN JILCHAA
abbootiwaan keenya
hundee oromtichaa
aadaa kee beeksisii
karaa hundaa hojjechaa
otuu gargar hin qoodin,
oromoon tokkichaa!
maal cal jetee teechaa?
JILCHI KAN DAWWAARO
ka’i falmadhu rooroo
yaa Arfan Qaloo
ijoollee Abbaa Garoo
yaa sanyii Baaroo
ijoollee abbaa gadaa
hin raafinaa maaloo
hin qabnuu bar yeroo.
DAWWAARO KAN OOFAA
ka’aa loolaa safaa
diina oofaa
tokkumaadhan, miti bar qofaa
gargar walqooduun ta’u bar doofaa!
yoo akkas ta’uu baate,
bilisummaan akkamiin dhufaa?
OOFAAN KAN SHARA
nuu dhaloonni haaraa
qopha’a yeroo maraa
yaadan mee qancara
galmee seenaa haaraa
ni hojjenaa baraa.
SHARA KAN HAADII
yaa goobanaa badii
yaa abbaa garaa badii
yaa gurgurtuu badii
goota oromtichaa, goota oromtitti
salphisii mataa dinaa haadii
balleessi ijoollee badii.
HAADIIN KAN RAABOO
Raabiin nuu uumee bar abboo
walaalte kan moo?
nuu taasisee namee fi namoo.
RAABOON KAN DOOREE
baay’anee wal horee
Oromtichi Oromtitii shamaree
intala durba qaree
waljaalatan maaree
wal jaalachuun keenya diina garaa muree
oromoon oromumaafi maaree
hin dhaqnu ganda saree!
oromoo malee
hin dhalchinu gaaree!
hin kakkanuu ree?
DOOREEN KAN XABBOO
ispoortii irratti kan qabu abboo
mitii ree Oromoo?
yaa ijoollee Arsii, yaa ijoollee Amboo!
yaa ilmaan Oromoo!
yaa ijoollee Walaggaa, yaa ijoollee Shamboo
yaa ijoollee Shawaa eenyu si caalaa moo
fiigichaan qaxxaamurii beeksissi Oromoo!
XABBOON KAN MORMOR
oromtoota finfinnee warra shaggar
dammaqii wal ijaar
wal barsiisaa wal bar
afaan ormaa dhiisii maaloo afaan kee bar
hiyyeessa oromoo barbaadii gargaar
mee dhaqii seena bar
dawaadhu calanqoo mee takka qaxxaamur
ol ba’i ilaalii gaara Carcar
Oromiyaa fi Oromoo keessa mee keessa marmaar.
MORMOR KAN MAAMMAA
Oromticha akka dammaa
Oromtittii akka dammaa
ni qabnaa bar hambaa
yaa bareedaa uumaa
yaa bareeduu uumaa
Oromtichi sumaa
oromtittiin sumaa
yoo wal jaallanne maal qabaa?
maaloo yaa jamaa?
tokkummaa keenyatti yaa dachaanuu ama!
hin nyaatin gumaa
hin dhugin gumaa
waadaan waadadhumaa!
MAAMMAAN KAN WARAR
yaa lafa warar
yaa biyyaa warar
kan Oromootii bar
hin baasan gargar
maqaa abbooti koo dur.
WARAR KAN WAAYYUU
maqaa abbooti koo jira ammaayyuu
jedhamee jira waayyuu
kan akaakilee kan akaakayyuu
kan abaabilee kan abaabayyu
amalee mooggaafadhu waayyuu
jedhii waamii har’a iyyuu boriiyuu
maqaa ormaa irra kan keenya nuu wayyuu?
hin taanu dhibaayyuu.
WAAYYUUN KAN GOODAA
ijoollee abbaa gadaa
ni qabnaa bar aadaa
mallatoo odaa
ilma abbaa gadaa
intala abbaa gadaa
hin dagatiin afaan kee guddaa
uffata kee aadaa
oromummaa kee bareedaa
aadaa boonsaa qabdaa
yaa uumaa adaa!
akkam bareedaa? Akam barreedaa?
yoo uffate aadaa.
GOODAAN KAN MARII
oromoon odaa jallatti ni mari’ataa duri
waay’ee har’a borii
haa taasisnu marii
yaa hojjennu gaarii
yaa qussanu horii
yaa tokkummaa durii
yaa jaalala durii
maal taanee laata har’a tarii?
hin raafnuu maaloo haa hojjenu barii
quluqulumaa malee ni jibbina xurii
adii uffataa yaa Oromoo gaarii
yaa Oromoo durii
maqaan isaa Marii!
MARIIN KAN GALAAN
borantichat aanee mitii ree galaan
dura hin ba’an dura hin galan
haa eebbisu galaan
haa jaallatu garaan
haa guddatu intalli haa bulu mucaan
haa eebbifamu waaqin
haa dhufu tokkummaan
haa ifu walabummaan
haa labsamu bilisummaan
haa beekamu uumaan
haa mul’atu oromummaan
haa ga’u gabrummaan
haa leelifamu uumaan!
GALAAN KAN WAADOO
maaliif ciiftaa hin baafatuu booree, hin baafatuu gadoo
Amboo Danbiidoolloo
ijoollee Baalee Daloo
Jimmaa, Booran, warra arfan qaloo
socho’a sochoosaa maaloo
damaqsaa Metekel, damaqsaa mee Waloo
waadaan keenya waadoo
abbaan keenya Waadoo.
WAADOO KAN SHUNKUR
kootaa ni buunaa Harar
ni seenaa mee Shaggar
mee Oromiyaa marmaar
lafti Oromoo gurguramee jira bar
naannoo finfinnee hundeen Shaggar
mee ilaalii bar tokko hin jiruu bar
qeeyyeen abbaa kooti inni kan dur
ardiin haadha kooti naanoon Mugar
har’a hin jiruu bar
gurguramnee jira Oromoo otuu jiruu qarshiin
sanuu saba bicuun sanuu saba hiyyeetiin
yaa ijoolee Shunkur mee ka’i of bar
Oromoo fi Oromiyaa diinaa irraa baraar!
SHUNKUR KAN IRAM
kamiin dhiifnee kan dursinu kam?
deemnee deemnee manaa abboo Iram
ijoollee Kaam ijoollee Kaam
achii madditee bar mitii tilmaam
Oromoon kan Kuush Oromoon kan Kaam.
IRAM KAN KUUSH
yaa ijoollee Kuush
ormaan mitii ofii of bush
diinaa garagash
midhaniif huuba gargar foo’i qabadhuu mash.
KUUSH KAN KAAM (Ummaa10:6)
mee ama akkam yaa dhaloota Kaam?
nagaa walgaafanuu takka jenne akkam?
bira geenye bar Kaam
kun baay’ee ugum!
KAAM KAN NOH (Ummaa 9:18)
yaa bara Nohii
yaa bara bishanii
ijoolleen bishan irraa haffanii
Seem, Kaam, Yaafet, jedhamanii
Oromoodhaaf hundee ta’anii
karaa Kaam, karaa Kuush as ba’anii
dhalatanii mul’atanii
kun hundeenya keenya kun hundee keessanii
baga of bartanii baga dhalatanii
Oromoo irraa Noh bira geessan
isa kana umaan keenya uumaan keessan.
T. Ayyaanoo Nagawoo…Oromoo Irraa
Advertisements