Oromiyaan Bakka Oromoon Itti Baqatu, Itti Falmatu Ta’u Qabachuun Ishee Amadha! Shabiyaaf Waayaneen Wal Ta’anii Nu Gurguran!

Amna Dukkanaa’aa: Seenaa Dhokataa Ilmaan Oromoo Biyya Eritrea Keessaa

Dhoksaa Rakkoo | Caamsaa 13, 2013

Seensa

Akeekni barruu kanaa, qaama kamuu irratti olola oofuu osoo hin taane mudannoo akka dhuunfaatti qabsoo Oromoof jecha na mudate ibsuuf, kanumaan wal qabatees dargaggoota Oromoof dhaamsa dabarsuuf.

Waa’ee koo duubatti deebi’ee gad fageenyaan ibsuu caalaa gabaabumatti eenyummaa koo dubbiftoota barruu kanaaf ibsuun barbaada. Ani waggoota muraasa dura barataa Yunivaristii Jimmaan ture. Sochii barattootaa Oromoo yunivaristii Jimmaa keessatti deemaa ture keessatti hanga dandeettii koo qooda hin tuffatamne kennaan ture. Wayitan barataa sadarkaa lammaffaa ture irraa kaasee maadhee ABO kan biyya keessaa jalatti ijaarameen qooda Oromummaa kiyya bahachaa ture. Maatii siyaasaan miidhame keessattin guddadhe waan taheef gaafa Yunivaristii Jimmaa seenes, hojii qabsoo moggaatti dhiisee barnoota kiyya qofaa irratti fuulleffachuu hin dandeenye. Abbaan koo yeroon ani xiqqaa ture irraa kaasee miseensa ABOti jedhamee baroota dheeraaf mana hidhaa keessa dabarse. Qaamas itti hir’ateera. Haati keenya oliif gad jettee abbaa keenyaaf mana hidhaatti gala deddeebisaa nu guddifte. Madaa kanatu oggayyuu na dhukkuba waan taheef ABO akka qaroo ija tiyyaa, akka dhiiga kiyyaatti ilaalaa fi dharra’aan guddadhe. Waa’ee koo asuma irratti gabaabseen garan yaada ka’eefitti deebi’a.

Akkuman olitti kaase wayitan Yunivaristii Jimmaa keessa barataa turetti sochiin taassisaa tureen wal qabatee ija humnoota tikaa mootummaa keessan bu’e. Hiriyoonni koo qabamanii hidhaman. Ani miliqee gara biyyaatti deebi’ee maatii koo biras dhaquu hin dadneenyee, magaalaa Finfinnee keessa fira koo bira daheeffadhee torbaan muraasaaf jiraadhe. Haala kanaan jiraachuun baayyee natti ulfaate. Quunnamtiin hiriyoota koo waliin qabu na jalaa ciccite. Caasaan dhaaba ittiin quunnamus akkasuma hidhamuu hiriyoota kootiin wal qabatee na jalaa cite. Waanan godhu dhabee jennaan dunuunfadhee ABO barbaacha karaa eegale.

Adeemsa Finfinnee irraa gara Eritrea.

ABOn yoomi irraa kaasee Eritrea akka jiru beekuu baadhullee, bara 1990moota gara dhumaa keessa ABOn Eritrea jiraachuu miidiyaa mootummaa Wayyaanee irraa dhagahaan ture. Booda keessa ammoo bal’inaan haasawamaa dhufe. Anis kanumaaf jecha ABO argachuuf gara Eritreatti qajeeluu akkan qabu murteessee karaa eegale. Finfinnee irraa ka’ee hangan daangaa Itoophiyaa fi Eritrea gahutti qormaata ulfaataa keessan dabre. Humara bakka jedhamun gahe. San booda achitti baatii tokkoof hojii humnaa hojjachaa akkattan daangaa qaxxamuree cehu qoradhe. San booda ilma Oromoo kan dhalootaa godina baha Shawaa tahe, waraana mootummaa keessaa miliqee hojii humnaa irratti bobba’e tokko waliin wal bare. Namni kun hojii humnaa kana golgaa godhatee namoota daangaa ceesisaa ture. Suutuma jedhee bubbulee rakkoo kiyya itti himadhe. Innis hin deemiin asuma teenyee hojjannee biyya keenyatti deebinaa naan jedhe. Deebi’uu akkan hin dandeenya itti himeen amansiifadhe. San booda karaa na akeeke. Anis guyyaa tokko galgala sa’a 9 irratti karaa eegale. Mallattoolee inni naaf kenne qabadhee karaa muree deemaa bulee, ganama oggaa lafti barii’u waraana Eritreatti harka kennadhe.

Haalota akkuman Eritrea seeneen na mudatan.

Amma Abdiin koo bara dheeraa waan naaf milkaawu natti fakkaate. Waraana Eritreatti akkuman harka kennadheen, ABO barbaacha akkan deemu itti hime. Isaanis rakkoo hin qabu nu bira turtee suuta boqottee deemta naan jedhan. Haala kanaan torbanoota lamaaf qormaata osoo narratti gaggeessanuu achuma isaan waliin jiraadhe. Akuma torbaan lama fixeen konkolaataa Raashina/gala waraanaa fide irra na buusanii na qajeelchan. Achi bakka waraanni mootummaa Itoophiyaa itti walitti qabamu Afaabeeti bakka jedhamu na geessan. Bakka Afaabeeti jedhamu kanattis ABO akkan barbaadu irra deddeebi’ee hime. San booda namoonni tokko tokko natti dhufanii TPDM ykn Sochii Dimokiraasummaa ummata Tigiraay dhaaba jedhamutti akkan makamu na gaafatan. Ani kaniin manaa baheef Oromoof qabsaawuu qofaaf, akka tahe kanaaf ammo ABO malee dhaaba biraa akkan hin barbaanne irra deddeebi’ee itti hime. Baatilee muraasa booda nu fuudhanii konkolaataan naannoo Hareenaa jedhamutti nu dabarsan. Mooraa humni waraanaa guddaan keessa jiruttin of arge. Kan haasawamu afaan Tigirinyaa qofa. Amma dubbiin naaf galte. Warra TPDM jedhaman bira akkan jiru. Warri mootummaa bakka saniin nu gahe osoo hin deemiin, maaliif bakka kana na fiddan? Ani Oromoodha, ABOn barbaada jedhee itti hime. Kana booda dhimmi kee nu hin laallatu isaan waliin wal haasawi jedhanii achumatti na gatanii kutan.

Haala TPDM keessa ture.

Guyyoota lama TPDM keessa ergan buleen booda, qoondaalli TPDM dhufee na haasofsiise. Ani miseensa dhaaba isaanii tahuu akka hin feenee fi ammallee ABO barbaacha akkan manaa bahe itti hime. Innis natti koflee kana booda waa’ee ABO osoon haasawuu dhiisee akka naaf wayyu natti himee itti yaadi naan jedhee na biraa deeme. Ammas lama bulee natti deebi’uun na gaafate. Anillee yaadni kiyya kan hin jijjiiramne tahuu irra deebi’ee hubachiise. San booda qophee narraa baasanii mana hidhaa na seensisan. Mana hidhaa keessatti ijoollee Oromoo akkuma koo ABO barbaacha bahanii mootummaa Shaabiyaan butamanii TPDMtti kennaman 16 gahan, akkuma kiyya miseensa TPDM tahuu didan arge. Achi keessaa mucaan dhalootaan dhiha Oromiyaa naannoo Dambi Doolloo tokko akka hamaa tumamee ijji isaa tokko guutummaan guutuutti hojiin ala tahe arge. Gariin isaanii mana hidhaa san keessa baatiilee 6 oliif turaniiru. Anis ilmaan Oromoo hidhaman kanneen waliin baatiilee sadiif hidhame. Baatiilee sadeen kanneen keessatti halkanii fi guyyaa uleen nurraa dhaabbatee hin beeku. Doorsisa, qorannoo, walumaagalatti dararaa ulfaataa keessa dabarre. Lamuu maqaa ABO akka hin dhoofne akeekkachiifamne. Mana hidhaa keessattillee akka waliin hin haasofnu nu ugguruu yaalan. Jireenya hadhaawaa, hidhaa irraa gara hidhaatti. Abdii nama kutachiisa. Haa tahu malee baatiilee sadeen mana hidhaa ture keessa ilmaan Oromoo kanneen waliin walitti dhihaachuun waan hedduu odeeffadhe. Akeekni dararaa TPDMn nurra gahaa tures maal akka tahe bareechee beekeera. Kunis TPDM ilmaan Oromoo karaa mootummaa Shaabiyaa isatti kennamanii dhimma bahee dhaaba maxxannee haaraa kan akka OPDO TPLFiif gaangee tahee ergamaa jiruu ijaarrachuuf tirtiraa jiraachuu isaaniiti. Kana ammoo boodarra anis akka gaariitti mirkaneeffadheera.

Ilmaan Oromoo mana hidhaa sana keessatti dararamaa turanis warra dhaaba ergamtuu haaraa ijaaruu keessatti meeshaa tahuu didaniidha. Ilmaan Oromoo TPDM keessatti argaman kanneen mana hidhaa jiran qofaa akka hin taanes hubadhe. TPDM sochii OPDO haaraa bixxiluuf taassisuun ilmaan Oromoo hanga tokko kanneen dararaa yeroo obsuu dadhaban, humnaan walitti qabee dhaaba siyaasaa Oromoo ittiin qabanna jedhanii abjootan ijaarrataniiru. Akkuma guyyaan dabraa dhufeen gammoojjii biyya ormaa keessatti dararamuun nuufis tahee qabsoo bilisummaa Oromoof bu’aan inni fidu tokkollee waan hin jirreef, tooftaa ittiin mana hidhaa san keessaa bahuu dandeenyu irratti maryachuu eegalle. Kanumaanis ijoolleen Oromoo mana hidhaa TPDM keessa turre waliigallee, yaada TPDM nuuf dhiheesse fudhachuu keenya qondaala TPDM yeroo adda addaatti deddeebi’ee nu qoraataa turetti himne.

Innis ani duraanuu isinitti himeera, ammas balballi keenya isiniif banaadha, qabsoon gaggeessinus qabsoo ummataa waan taheef nu waliin hiriiruuf fedhii yoo qabaattan wanti isin dura dhaabbatu hin jiru jedhee mana hidhaatii nu yaase. Haa tahu malee mana hidhaa keessaa baanullee kallattiin gara ilmaan Oromoo warra ijaarameetti hin makamne turre. Akka kanaan duraa mana hidhaallee tahuu baatu, waraana isaanii warra kaadhimamaatti nu makanii hojii humnaatti nu bobbaasan. Ijoolleen Oromoo mana hidhaa keessaa baane akka walitti dhufnee hin maryanneef adda addaa jaarmiyaa keessa nu facaasan. Bakka dalagaatti walitti dhufnee yoo wal haasofne, afaan Oromoon wal haasawuun dhorkaa akkka tahe nu akeekkachiisan. Dhaaba Oromoo qofa osoo hin taane, dhaaba sabaa fi sab-lammootaa biroollee ijaaraa akka jiran hubadhe. Torbanitti guyya tokko sagantaa sabaa fi sab-lammootaa jechuun qophii qopheessuu eegalan. Afaan waltajjii san irratti hayyamamu afaan Amaaraa qofa tahe. Sanaan alatti afaan Tigirinyaa barachuunis dirqama akka tahe nutti himan.

Haala kanaan osoo jirruu ilmi Oromoo nu waliin hidhamee ture tokko bakka hojii humnaa hojjataa turetti waraana TPDM waardiyyaa itti bahee ture gasoodhaan dhahee ajjeesee baqatee baafate. Boodarra gurbaan kun Sudan seenee akka lubbuun jirullee dhagaheera. Erga gurbaan kun badee deebi’ee haalli nutti jabaate. Isin fixna jedhanii nu doorsisuutti ka’an. Tokko tokkoon nu yaamanii qorannoo nurratti gaggeessuu eegalan. Mataadhuma gad qabannee rakkoo san keessaa bahuuf murteeffannee waan isaan nu godhan hunda taane. Yeroo gabaabaa booda ilmi Oromoo dhalootaan naannoo Iluu Abbaa Booraa tahe kan waraana mootummaa Wayyaanee keessa ture tokkos bade. Osoo hin fagaatiin qabanii rasaasaan dhahanii ajjeesan. Anaan natti deddeebi’anii oggayyuu na haasofsiisu, ijoollee akkan amansiisu na gorsu. Anis hayyee jedheetuma ijoollee gaafan argu obsuma godhadhaa haala itti baduu dandeessan qofaa mijeeffadhaa ittiin jedhe.

Bakka kanatti dubbiftoota barruu kanaa waan osoo hin hubachiisiin hin dabarre tokkon qaba. TPDM lakkoofsaan humna waraanaa guddaa qaba. Ijoollee waggaa saddeetii irraa kaaseen hanga maanguddootaatti. Harki guddaan humna waraanaa kun humnaan kan walitti qabameedha. Daa’imman manneen barnootaa irraa, barsiisota, dhirsaa fi niitii gabaa irraa galan humnaan guuranii gammoojjii Eritrea keessatti leenjii waraanummaa kennuuf. Kan siyaasaa fi adeemsa TPDMtti amanee waliin jiraatu garuu muraasa. Guyyuu badaa oolu. Gaafa nuti leenjii waraanummaa fudhannu namootaa nu waliin leenjii fudhataa turan 108 keessaa baatii tokko keessatti gara namoota 22tu bade. Ilmaan saboota biroo achi keessa jiran qofaaf osoo hin taane waliifillee garaa hin laafan. Lola seenaniis hin milkaawan, humni guddaan harka kennate, leenjiin gahaan waan hin jirreef lakkoofsi madoo fi namoota dhumatanis salphaa miti. Humnaan itti oofanii lolchiisu. Adeemsi kun tahuufii dinnaan boodarra loluus dhiisaniiru.

Gara yaada kiyya jalqabaatti oggaan deebi’u anis suuta suuta amanamaa fakkaadhee dhihaadhe. Qondaalonni isaanis natti dhihaatanii waan tokko tokko natti himuu eegalan. Suuta suuta akkaataan achi keessaa bahee miliquu danda’u irratti qorannoo kiyya itti fufe. Waa’ee ABOs suuta gaafadhee jennaan kallattii waraanni TPDM jiru irraa fagoo akka jiran dhagahe. Haala kanaan achii badee ABO argachuu caala gara Sudanitti qajeeluun akka irra salphaa tahe hubadhe. Guyyaa tokko akkuma tasaa gaggabee kufe. Dhuma irratti dhukkubni garaa kaasaa akka na qabe himadhe. Kanaaf halkan yeroon fedhetti akkan fincaaniif gad bahu naaf hayyaman. Waraana mootummaa keessaas waan hin turreef gammoojjii kana keessaa baduu hin danda’u jedhanii yaadan. Anis halkan tokko yeroo 10 bahee deddeebi’e. Namni akka na hordofaa hin jirre mirkaneeffadhee halkan lammaffaatti koddaa kootti bishaan guuttadhee halkan keessaa gara sa’a 2 fi walakkaa irratti deemsa kiyya eegale. Ogguu lafti barii’u daangaa mureen waraana Sudaanitti harka kennadhe. San booda mooraa baqataa Shagaraab jedhamutti na geessan. Achi taa’een firoota kiyya biyya ambaa jiran quunnamee maallaqa naaf ergamii torbaan lama booda gara kaartum qajeele. Ani jireenya baqattummaa hawwees hin beeku, kaniin manaa baheef qabsoo waan taheef gara Kaartum deemee caasaa ABO quunnamuuf murteeffadhe.

Kaartuma gahuu kiyyaa fi Caasaa ABO argachuu.

Akkuman Kaartum gaheen hojii duraa kaniin godhadhe hiriyoota koo na biraa hidhaman barbaadu, kana malees caasaa ABO argachuuf tattaafadhe. Hiriyoota koo mana hidhaa turan keessaa tokko kan hiikkame argadhe. Haalota na mudatan hundaa ibseefii ammallee ABO argachuuf akkan fedhii qabu itti hime. Guyyoota lama booda jireenyi kiyya gara milkiitti deebi’uu eegale. Hiriyaan kiyya sun quunnamtii waan qabuuf bakka hundaa fixee bilbila koo narraa fudhatee miseensa ABO kan dirqamaaf Kaartum jiru tokko waliin wal na quunnamsiise. Miseensi ABO Sudanitti argadhe kun, nama guddaa, hubataa, jireenya kiyya keessatti bakka olaanaa qabuuf, naman yoomuu hin daganneedha. Bakkan qubadhu hunda naaf mijeesse. Umuriin narra nama baayyee guddaa tahullee hiriyaa kiyyan taassifadhe. Haalotan gammoojjii Eritrea keessatti dabarse, gochaa mootummaan Shaabiyaa fi TPDM ijoollee Oromoo irratti raawwatan hundaa tokko tokkoon itti hime.

Innis guddoo hin raajamne. Garuu “Bishaan Fira fakkaatee nama nyaataa” jedhee mammaakee callise. Maal jechuu barbaadde? Jedheen gaafadhe. “Anaafuu naaf hin galle” jedhee deebii naaf kenne. Fuula isaarraa aarii fi dhiphina arge. Itti deddeebi’ee gaafachuu hin feene. Dubbiin hangi tokko naaf galte waan taheef bulfadheen gaafadhe. Innis waan hedduu naaf hime. Yeroo dheeraa Eritreatti deddeebi’uu isaa fi san dura ammo baroota dheeraaf miseensa WBO buleessa tahuu. Oromoonni keenya biyya alaa jiraatan qondaalonni ABO Asmaraatti galanii jireenyatti jiru, jedhanii haasawu naan jedhe. Dhaggeeffachuun itti fufe. Garuu Asmaraan alagaaf dhiisii ilmaanuma biyyaafuu bakka itti bashannanii jiraatan akka hin taane naaf hime. Mootummaa Shaabiyaa keessatti namoonni gariin qabsoo keenya kana irraa jibba akka qaban naaf hime. Sanumatti dabalee waa’ee Kamaal Galchuufaa naaf kaase. Kamaal Galchuu namni onnachiisee akka inni dhaaba irraa cabee bahu kan jajjabeesse qaamuma mootummichaa keessaa murna tokko tahuu naaf hime. Sana duras seenaan fakkaataan raawwatamuu taa’een irraa dhagahe. Baatii lamaaf waliin jiraannee waan hedduu na taphachiise. Hogganoonni keenya qabsoon kun akka jiraattuuf wareegama ulfaataa baasaa akka jiran, innillee umurii kanaan qabsoo keessatti cihee kan hafeef maanguddoon isaa olii qabsoo kallattii baayyee qabdu keessatti cinniinnatanii jiraachuu akka tahe na hubachiise. Diina fira fakkaatutti siqnee karaa deemuu dadhabne jedhe. Anis waan hedduun hubadhe. Ammas onneen koo qabsoo na feete. Kanaaf ammoo osoo hangamuu haalli mijaawaan jiraatee, gara gammoojjii Eritreatti qajeeluu qalbiin na dide.

Kaartum irraa gara Sudaan kibbaatti, achii ammoo gara Ugandaatti, Ugaandaa irraa gara Keeniyaatti qajeele. Bu’aa bahiin isaa hedduudha. Kana ibsuun homaa fayidaa hin qabu. Kaartum irraa ka’ee Nairobi gahuuf garuu ammas gara baatiilee sadii narraa fudhate. Amma Naayroobii dhaqqabeera, adeemsi koo hin dhaabbanne, qabsoofin bahe qabsoo ittin fufa. Amma haala hundaa mijeeffadhe, quunnamtiin koo qajeelaadha. Har’as borus baqataa tahuu hawwee hin beeku. Faanti koo gara Oromiyaatti na fuulleffata. Hadhaan jireenyaa gammoojjii Eritreatti TPDM keessatti arge waan hedduu na barsiise. Ganamas haalootu manaa na baase, haaloo irrattin haaloo dabaladhe. Waan Eritrea keessaa hanga arge ibsuuf yaaleera, hangan dhagahe garuu dubbachuu hin feene. Nageenya ijoollee Oromoo har’allee achi jiraniif jecha. Garuu guyyaan itti wal gaafannu inuma jiraata jedheen abdadha.

Xumura

Egaa waan narra gahe hedduu ibsuuf yaaleera. Xumura irratti wanti gad jabeessee jedhu, hogganoonni Shaabiyaa qabsoo keenya irraa harka haa fudhatan. Ilmaan Oromoo TPDMf dabarsanii kennuun dararuun dhaabbachuu qaba. ABO hin barbaadan yoo tahe nurraa bahi haa jedhaniin.

Oromoonni biyya ambaa jirtan, hunda jechuu baadhullee hedduun keessan ilaalcha dogoggoraa qabdanitu jirtu. Asmaraan lafa itti bashannan, lafa itti qabsoo dagatanii of qananiisan akka hin taahe waanan dhagahe hedduu keessaa hanga xiqqoo ibseera.

Ani gama kootiin hogganoota ABO haala danqaa fi gufuun itti heddummaate keessatti qabsoo hadhooftuu gochaa jiraniif dinqisiifannoon koo guddaadha. Ammallee galata qabdu jedhaan.

Yaada koo guduunfuun dura ammas irra deebi’ee kaniin jedhu, hogganoonni Shaabiyaa, barri itti wal gaafannu ni jiraati, nurraa dhaabbadha, kan kanaan nu gahes isinuma ammallee adeemsi amma itti jirtan fala isiniif hin tahu dhaabbadhaa, imaammata keessan keessa deebi’aa ilaalaa jechuun barbaada. Dargaggoonni Oromoos yoo qabsoo barbaaddaniif biyyuma keenya keessatti haa hojjannu. WBOn kallattii maraan jira, caasaan ABO bal’aan biyya keessa jiraati biyyuma keenya irratti qabsoo keenyatti haa jabaannu isiniin jedha.

Waan qalbii guutuun dubbiftaniif guddiseen isin galateeffadha

Injifannoo Ummata Oromoof!!!!

T.F YKN Addaamuu

Nairobi Keniya irraa

 

Advertisements