MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!!

Kutaa 3ffaa

Guraandhala 18, 2013

Y.G(2005)

HIWAATOONNI HAMMEENYA ANGOO OF HARKA TURSUUF HOJJATAN BARAARUUF SHIROOTA QOPHEEFFATAN, kanneen tarrifaman keessaa torbee 1-6 ilaalu yaallee jirra. Har’a isa hafe xumurree waan fala nuuf ta’an waliif dhaamna.

Ummatoota dhaabbilee mormitootaa harkaa baasanii ofitti qabuu,
Dhaabbilee siyaasaa Biyya keessaa bifa kamiinu haa ta’uu, diigu hanga dhabamsiisuu ,
Humna waraanaa , tikaa fi polisaa waan hundaa dura dhaabbatu hundeessu ,(tu’annaa isaanii jalatti )
Sabboonummaa sabootaa laamsheessuu (itoophiyummaa fudhachiisuu )
Dhaabbilee mormitootaa Qabsoo hidhannoo gaggeessan hundumaa diiguu ykn dhabamsiisuu ykn harka kennachisuu ,kaayyoo jijjirsiisuu. Ykn qubsuma Biyya keessaas ta’ee alaa dhabsiisuu,
Deeggarsa humnoota alaa irraa argachuuf ykn gaaffiilee dhaabbilee mormitootaa ykn iyyannoo isaanii ykn mormiilee Biyyoota alaa keessatti gaggeeffamu fudhatama dhabsiisuuf, sochiilee gama alaan irratti hojjataman hundumaa fashalsuuf, akkasumas gaaffii ummataa ykn mormii ummataa biyya keessaa ka’u mormii humnoota alaa irraa ka’uu ukkaamsuuf, maloota lama keewwatan . inni tokko tajaajiletuu isaanii ta’uu fi Naannoolee keessatti dhimma akka qabaatan taasisuu keewwatan. Qabxii ja’affaa kana Ummatoota irraa abdii yoo dhabne humnoota alaa yoo qabanne ni jiraanna jedhanii yaadu irraas ni dabalata .
Mormii Biyya keessaa laaffisuuf Ummata dantaan adda qooduu,odoo hin beekne garba isaani taasisuu ,
Ummatoota hiyyummaa keessa tursuu ,
Abbootii Biyyaa ykn Namoota gaaffii kaasan alatti ari’uu
Dhaloota itti aanu keessatti ol aantummaa isaanii , gama barnootaan , tekinolojiin , beekumsaan, kkf itti fufsiisuuf shiroota bal’aa raawwachuu,
Finfinnee keessatti baayyina Ummataanis ta’ee kan biroon ol- aantummaa isaanii mirkaneessu.
Saboota gidduu fi Biyyoota olla giddutti rakkoo uumanii waan sana furuuf jiraachuu ykn sirnicha irratti akka hin xiyyeeffanneef gidduu isaanitti rakkoo uumuu .
Waldaalee Amantii keessatti shiroota gara garaa gaggeessuun walitti bu’iinsa babal’isuu . addatti Amantii Islaamaan wal qabsiisanii rakkoo umanii xiyyeeffanna warra alaa argachuu . kkf irratti hojjatan. qabxiilee tarrifaman kannen qofa mee tokko tokkon haa ilaallu:-
Kutaa 3ffaa:-

7. HUMNA UMMATOOTAA LAAFFISUUF, DANTAA GARA GARAAN UMMATOOTA ADDA QOODU,ADDATTI DARGAGGOOTA ILAALLATA.,

Wayyaanoonni humna Ummatootaa laaffisuuf, sabummaa ykn gandummaa ykn naannoo dhalootaan, ykn amantiin qofaa miti adda qoodanii ykn walitti buusanii kisaaraa ummatootaan jiraachuuf kan yaadan . Ummatoota ykn saboota giddutti adda addummaa jireenyaa fi dantaa umuun, hawaasi odoo wal gaarreeffatuu akka jiraatu taasisu. Yeroo tokko tokkos Ummatoonni ykn hawaasni dantaa sababaa gara garaan xaxamee, dantaa isaaf jecha odoo wayyaanee jibbuu , jiraachuu wayyaanee akka fedhan taasisuun wayyaaneen umurii dheerachu irratti hojjattee jirti.

Qabxii kan mee tokko tokkon haa ilaallu :

A . Dargaggoota mooraa waraanaa keessa tursuu:-

Wayyaaneen dargaggoota hojii dhabsiisanii akka abdii dhaban taasisuun , waraana isheetti akka seenan kan taasiste xiqqo miti. Kanaan alatti kompiyutaraan magaalaa teessanii loltu fi mindaa ajaa’iibaa isiniif kaffalla jettee , Dargaggoota abdii Ummatootaa ta’an Ummata keessaa fuudhanii mooraa waraana wayyaanee keessatti , jireenya amma hidhaa hin caalleen jiraachisaa jirtu , kumoota 200tti tilmaaman. Wayyaaneen hammeenya dhalattee guddatte, dargaggoota kana Daangaa fi Mooraa waraanaa lammiilee isaanii gidduu yoo jiraatan ni jijjiiramu jedhanii shakkuu irraa , humna waraanaa Biyyattii keessaa irra jireessa , maqaa Daangaan, Daangaa Tigiraayii fi Tigiraayi keessa akka jiraatan taasifamaa jira. Kun maqaa waraanaan dhaloota har’aa ummata keessaa baasanii mooraa tokkotti jiraachisaa jiraachuu mul’isa .

B.Maqaa Yunivarstileen shiroota wayyaanee:-

Hiwaatoonni Biyyattii keessatti yunivarstilee qofa 20 ol bananii jiran. Wayyaaneen dhuguma Ummatootaaf yaaddee yunivarstilee kanneen bantee ? yoo jenne, hedduun keenya gara laafessummaan deebii tolaa laachuu danda’an. Wayyaaneen yoo Ummatootaaf yaaddee bantee ta’e maaliif , yunivarstii ga’ummaa qabu hin taasfne ? meeshaalee barnootaa bakka hin jirretti barnooti eessaa dhufa ? nyaataa fi bakka ciisichaa ga’an bakka hin jirreetti , addatti barsiiftoonni ga’umsa qaban bakka hin jirreetti, barataan barataan bakka baratanitti , akkamiin dhaloota Biyyaaf tolu ummachuun danda’ama .

Wayyaaneen carraa kana ganda isaanitti banuufin, dhaloota qalbii hatuuf, eebbifamuuf jecha callisee jiraata jechuu irraa daddaffiin mana ijaaramee hin dhumnetti ijoollee naqanii dhaloota maqaa isaa katabuu hin dandeenye heddummeessaa jiraachuu warri keessa beekan kulkulfatanii dubbatu.waggoota 21n dabran dhaloota qilleensa irra jiru nu kuusanii jiran. Dhaloota tokko barnootaan har’uu ta’e nu kaa’an . dhaloota kanas deebisanii warshaa isaanii keessatti qacaranii akka barbaadan itti taphatan.

C.Maqaa Maayikiroo xixiqqaan:-

Hiwaatoonni Dargaggoota hiyyummaa keessatti mankaraarsan , jiraachuun dirqama itti taate, yeroo carraa kan biraa dhabanitti , miseensa keenya yoo taatan carraa hojii gara garaa isaniif laanna jechuun , ega gurmeessitee miseensa taasiftee booda, maqaa mayikiroo xixiqqaa jedhanii liqii of irraa baasuu hin dandeenye oggaa itti laattee mallattesisitu, dhaaba dhimma siyaasaa kamu keessa akka hin seenne kakuu seensuun ta’uu eenyufu ifadha. kana malees Dargaggoota kumoota dhibbaan lakkaa’aman keessattu ilmaan qotatee bultootaa , maatii isaanii lafa akaakilee fi abaabilee irraa buqqisuu qofaa odoo hin taane, barnoota isaanii addaan kutanii , Abbootii qabeenyaa Biyya alaa fi wayyaanootaan kan ijaarame warshaalee fi kubbaaniyoota isaanii ykn qonnaa isaanii keessa gatii rakasaan akka hinjjataniif dirqisiisuun Dargaggoonni kumoota dhibbaan lakkaa’aman dhimma ummata isaanii garaatii odoo isaan gubu akka callisan taasifamanii jiran.

Wayyaanee Ihaadeeg dhaloonni sabootaa akka hin barannee fi qaroominaan walitti hin dhufneef shirri isaan hin raawwatiin hin jiru . haala kanaan dhalooti itti aanu haala hedduu yaaddeessaa keessatti argama jachuu ni dandeenya .Hiwaatoonni sodaan dhaloota itti aanu irraa qaban akka salphaatti kan ilaalamu miti. Kanaaf yeroo ammaa kana dargaggoonni hedduun idaa wayyaanee of irraa baasuuf jecha, nageenya akka barbaadan taasisuun ijoollee mirga isheef falmattu illee akka basaasanii fi dabarsanii kennaniif irratti hojjachaa jiraachu keessa beektoonni ragaa qabatamaa waliin dhiheessaa jiran.

D.GAMA EENYUMMAA ISAANIIN WAAN IRRATTI HOJJATAMU :-

Hiwaatoonni sirna bittaa isaanii hegareef akka tolufitti dhaloota of hin beeknee fi eenyummaa isaa hin beekne , yoo beeke illee kan isaan harka kaa’aniif dursa kennu ummachuu barbaadan. Haala kanaan wayyaanee fi waa’eellan isaanii sochiilee sabootaa gama aadaa fi Artiin jiru harkaa fuudhanii , akka ofii barbaadanitti oofaa jiran . dhaloota har’aa gara keessa isaa odoo hin taane gara Biyyoota qaroomanitti harkisanii , aadaa warra alaan mankaraaraa akka jiraatu barbaadan .

Hiwaatoonni warra daboo ba’aniif waliin ta’uun, aadaa Ummatootaa booressuu , isa kaaniin wal keessa makuu, ilaalcha isaa hatuu , maqaa wal qixxummaan , addatti waan Oromoo ilaallatu gadi qabanii isa kaan irra akka aanu taasisuu, addatti gama sirbaa fi diraamaa waan jiru hundumaa ofii tu’annaa isaanii jala galchuudhaan , sirbis ta’ee diraamaaleen dhihaatan hundumtu , eenyummaa sabootaa kan dhoksan, Afaan amaaraan qofaa akka hojjataman taasisuun , ijoollee Oromoo mataa isaanii yoo afaan amaaraan hojjatan maallaqa ol aanaa argchuu akka danda’anitti kaa’uun dhaloota amaariffaaf sagadu umaa jiran.

Gama kanaan miidiyaaleen naannoolee irra jireessa shiroorta garee BARAKATI SIMI’OONFAAF banaa ta’ee tajaajilaa jira . qophiilee dargaggootaaf tolan cufanii , gara TV fidaraalaatti akka hojjatan taasisaa jiraachuu ifatti argaa jirra . kun hundumtu dhaloota itti aanu keessaa sabboonummaa dhabamsiisanii , waan barbaadan keessa kaa’uuf dhaloota har’aa irrattii kan hojjatamaa jirudha.

E,AKKA HAWAASAATTI ADDA ADDUMMAA UMUUF SHIROOTA HOJJATAMAN,

Wayyaaneen qalbii Ummatootaa hatuuf shiroota hedduu gaggeessitee jirti. Keessattu hawaasa qabsoo keessaa harkisuuf jecha, gama hundaan toftaalee gara garaa gargaaramuun , shiroota qopheeffatan keessa galchatanii jiran. Inni guddaan , Ummatoota gurmeessanii kubbaaniyoota, dhaabbilee daldalaa , Baankiilee , Akisiyoonaa fi kkf. Akka ummatan taasisanii hawaasa keessattu kan barate gaadi’anii taa’anii jiran. Hawaasa haala kana keessatti hammatame, Ummati isaa miidhamuus, dantaan isaa akka itti hin hafneef jecha , mootummaa maatii isaa galaafataa jiraatu , jiraachisu yaaduun dirqama itti ta’a. kun ammo shirri wayyaanee akka milkaa’u taasisa. Namni waldaalees haa ta’uu hojii akkasii keessa seene, dhaaba siyaasaa kamu waliin hidhata akka hin godhanne akeekkachiifamee itti seenama. Haala kanaan dhalootaa fi humna ummata keenya keessatti murteessaa ta’e harkaa fi miilli isaa hidhamee jiru lakkoofsa hin qabu.

Inni kaan hojjataas ta’uu , barsiiftoota kanneen boiroos dabalatee filannoo biraa dhabsiisuun bara baraan wayyaaneef sagaduunn alatti jiraachu akka hin dandeenye taasisuun lammiilee miliyoonaan lakkaa’amu afaan qabanii jiran.carraan hojii argachuu fi kanneen biro hundumtu wayyaanee ta’uu qofaa ta’uun , carraan hundumtu wayyaanee harka akka jirutti ummata amansiisuu fi isaaniin alatti falli biraa akka hin jirre, kan abdatan yoo qabaatan illee abdii akka irraa kutatan taasisaa jiran.

8.UMMATOOTA HIYYUMMAA KEESSA TURSUU :

Wayyaaneen hanga har’atti naannoolee wayyaaneef hin jilbeeffanneef carraa hojiilee misoomaa hin laatiniif jirti. Karaan misoomaa wayyaanee qofaadha. Jireenyi dansaan wayyaanee keessaan qofaa argama. Kana kan hin fudhanne, hiyyummaa keessa jiraachuun waan hin hafne. Ummati waan barbaadu yoo argate , waan hafeef gaafata jedhanii waan yaadaniif yeroo maraa Ummatoota hiyyummaa keessa tursuutti ni amanan . kanaaf kan isa ilaallatuun alatti , hiyyummaa keessaa akka ba’u hin barbaadamu. Inni duroomu barbaadu yoo jiraate, dureessummaa isaatiin ummatoota gadi qabee ykn ummatoota irratti shira gara garaa wayyaanee waliin hojjatee jiraachuun dirqama isaatii . walumaa galatti ummatoonni hayyama wayyaanootaan alatti duroomuu miti guyyaatti lama nyaachuun hin danda’amu.

9.NAMOOTA SHAKKAN BIYYAA BAASUU :

Wayyaaneen nama ishee keessa taa’ee dhukkuba itti ta’e, hiitee ykn ajjeeftee qofaa miti kan afuura baafattu. Asi taa’ee na rakkisuu irra Biyya alaatti haa yaa’an jedhanii karoora biyyaa baasuu fi biyya dhuunfachuu qabdi. Wayyaaneen ega angoo qabattee Ummatoota miliyoonaan lakkaa’aman Biyyaa baasanii jiran . beekaa fi warra qaroo baasanii bakka isaanii dhunfatanii jiran. Wayyaaneen kan Biyyaaf yaada jettu hundumaa Biyyaa yaafteetti yoo jedhame dhugaa irraa fagaachuu hin ta’u . Lammiileen Biyya alaatti argaman , kan bara wayyaanee , kan sirnoota sadan dabranii akka caalu himama. Humna namaa Biyya keessaa baasu kana warra dhihaa humna namaa barbaadaniin wal ta’amee akka hojjatamu ni dubbatama. Humnoonni alaa qabeenyaa Biyya tokko hegareef jedhanii waan keewwatanii ykn saamuuf jecha, beektoota qabeenyaa ofiin fayyadamu jedhan Biyyaa ariisisuu fedhan. Beekaan tokko waan biyyaaf hojjatu waan beekaniif Biyya isaanitti hanbisanii, maallaqaan biyyatti deeggaru barbaadu. Wayyaaneen adeemsa warra maraatuu kanaa waan beektuuf shira kanaan gargaaramtee jiraachaa jirti.

Ani akka Nama tokkotti humnoota alaa addunyaan nu harka jirti jedhan kana waan ittin ibsuun qaba. Warri adii waan dubbatanii fi hojjatan akkuma qubee ingiliffaa isaaniitin jedha. Qubee ittin dubbatanii fi kataban tokko miti. Fakkeenyaaf , “c” qubee kana yennaa nu barsiisan “sii” jedhaniiti . yeroo kataban garuu bakka “k”tti fayyadamu. “z” zedi jedhanii nu barsiisan. Garuu katabbii irratti “th”n bakka buusu . yoo barbaadanis, qubee hin dubbifamne jecha keessa kaa’u. hojiin isaanis akkasuma. Kan jedhanii fi hojjatan tokko miti . walii faallaadha. Waan suduudaan jiru , duubaan jedhu. Dimokiraasif dhalannee jedhu . abbaa dimokiraasiis ofiin jedhu. Garu waan argaa jirru , akkuma qubee isaaniiti.

10.DHALOOTA BORII KEESSATTI OL-AANTUMMAA ISAANII KABACHIISUU:

Wayyaanoonni fi waa’eellan isaanii walii galanii dhaloota borii illee haala itti gabroomsuu danda’an irratti hojjataa jiran. Keessattu ilmaan Oromoo barnootaa fi qaroomiina irraa fageessaa jiraachuu waan argaa jirrudha. Ilmaan sabootaaf haalli baruu fi barsiisuu gaggeeffamaa jiru, kufuun hin jiru isa jedhuun yennaa ta’u, kan isaanii garuu teekinolijiin deeggaranii qabatamaatti hojii isaanin malee dabruun akka hin danda’amne taasisaa jiran. Ilmaan isaanii waan hegareef barbaadan irratti bobbaasanii barsiisu. Ilmaan sabootaa garuu waajjiraalee keessa qofaa akka ta’anitti barsiisu. Kan isaanii barnoota bulchiinsaa, Dinagdee ol-aanaa keessatti barsiisaa jiran. Akka itti biyya bulchanii fi saayinsii militarii irratti baraasisaa jiran. Kan sabootaa garuu carraa kana hin qaban. Dhaloota maqaa isaa katabuu hin dandeenye nu omishaa jiran. Kasaaraa dhalootaa nuuf kudhaaman.

11, FINFINNEE HADHUURA DINAGDEE ISAANII TAASISUU :

Miniiliik Abbootii Biyyaa Finfinnee irra jiran kaasuuf hammeenyi raawwate seenaan kan dagatuu miti. Ummata keenya 3000 ol humnaan kaasuu fi heeddu galaafatuu akkasumas mana isaanii fi qabeenyaa isaanii barbadessuu seenaatu raga ba’a. H/Sillaasee fi Dargiin Oromoo Finfinnee keessatti humna dhabsiisuu fi dachee keenya ta’uu dhoksuuf tattaafachuu irra taranii , saboota biroo suutuma itti makaa deemanii heddummaachuu isaanii maanguddootatu nuf hime. Kan wayyaanee garuu kana irra adda . wayyaaneen hundee keenyaa nu dhabamsiisaa jirti . wayyaaneen waggoota 21 suuta Finfinnee keessaa nu dhiibanii baasuu haalaan irratti hojjachaa haa turan malee, kan Filannoo 2005 booda ta’e garuu, waan addaati. Qinjiti fi dhaabbileen Oromoo Finfinnee keessattii mo’uun wayyaaneef irriiba hin laanneef. Battalumatti sagantaa Finfinnee ijaaruu jedhuun , Abbootii Biyyaa fi Amaara Finfinnee keessaa buqqisuuf jecha , manneen Kondominiyeemii Finfinnee keessatti ijaaraman hundumaa kan itti gale ilmaan wayyaanee fi wayyaaneedha.

Ummati Tigiraayi 100,000 ol Finfinnee qubatee jira. Isa irratti dabalatee warri Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamanii Biyyoota ollaa irraa itti godaanan, kumoota 100n lakkaa’aman, wayyaaneef harka mirgaa ta’anii hojjachuu irraa, hundumtuu manneen ijaaramanii fi ofiin akka ijaarratan taasifamanii qubatanii jiran. Jarri kun ABBOOTII BIYYAA irra amanamoo ta’anii waan hundumtu guutamaafii jira. Wayyaaneen Filannoo 2015 shakkii tokko malee Finfinnee keessatti akka mootu hin shakkitu. Yeroo kana taasisanitti hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa gurmaa’anii akka lafa fudhatan jedhamee , qarqara Finfinnee akka qubatan taasifame. Markaatoo keessaa wayyaanoonni GURAAGEE baasuuf jedhanii shirri hojjatan hedduu nama dhiba. Markaatoo warra alaatti gurguruuf wayita jedhan mormiin itti heddummaate. isa booda gabaa daldalaa kan akka markaatoo 100n lakkaa’amu ganda ganda kutaalee magaalitti keessatti ijaaran. Ummati markaatoo dhaqee rakkoo meeqaan manatti deebi’u irra Naannoo isaati bitachuu eegale. Yeroo kana guraageen gabaa dhabdee , Garjii , gullallee, kotabee tti achi ba’uu eegalte . yeroo kana wayyaanoonni deebi’anii gidduu qabatanii har’allee waan barbaadan hojjataa jiru.

Wayyaaneen Dinagdee ishee hegaree mirkaneessuuf, Finfinnee hanga K.M 45 tti bal’isuuf hojjataa jiru. Kana hundaa qorannoon nama isaanii qubsiisanii jiran . Inveestaroonni wayyaanee fi Tiwulidda Itoophiyaawwii . jedhaman, chaayinaa , Hindii , Jaappaan, Ameerikaa ,Engilizii kkf hundi isaanii waajjira Investimantii isaanii asi keessatti akka ijaarratan taasisuun gaffii keenyallee haala itti ukkaamsuu danda’aniif karaa cirataniiru. Dhaabbileen ykn kubbaaniyoonni wayyaanee harki 80n Finfinnee keessa jiran. Kubbaaniyoonni allaamuddiin 26 hojjattootaa kuma 60 ol qabu harki 90n Finfinnee keessadha. Hojjattoota isaa kana maraaf mana ijaaree liqii yeroo dheeraan kenneera. Keessattu Naannoo masaraa mootummaa fi 4 kiloo guutuu allaamuddiin manneen Daldalaa fi manneen jireenyaa ijaaru hundumtu hojjattoota isaaf qoodamanii dhumaniiru . 4kilo hanga Magganaanyaatti manneen jiran lammiilee Tigiriffaa dubbatan , miseensoota waraanaa 30 oltu qubatee jira. Kun maatii waliinii . humna polisaa fi Tikaa itti dabalaa . sagantaan bara 1997 kaasee ba’e tokko akka ibsutti , Daandii geengoo magaalaa Finfinnee keessa qofa ummata M.4 qubsiisuuf yaadamee ture. Har’a garuu miliyoona 7 akka caalu ibsamaa jira.

Walumaa galatti Finfinnee siiriyaa har’a addunyaan irratti wal falmaa jiran taasisanii jiran. Yeroo laachufiin tarii waan kana caalaattu nutti hammessee nu dhabamsiisa. Yoo dafnee dhimma keessa keenyaa keessaa baanee yoo falmannee hanga tokko of ibsannee abdii isaanii kutuu dandeenya.

12.SABOOTA GIDDUTTI RAKKOO AWWAALUU:

Daangaalee Naannoolee wal keessa daangeessuun rakkoo dhaloota boriif kaa’aa jiran salphaa miti. Keessattu Ummata Oromoo irratti shirri hojjatan guddaadha. Ilmaan abbaa tokko bakka heddutti cicciranii , boruu rakkoo keessatti akka kufu taasisu irrattii hojjachaa jiran. Dhibdeen Ogaadeen waliin nuuf kaa’aa jiran salphaa miti. Dhibdeen Tigiraay, Amaara , Affaar, Adaree , Ummatoota kibbaa waliin nuuf ka’an boruu hedduu kan nu midhuu fi isaan qabamnee rakkachaa akka jiraannuuf har’a dhuka’aa borii nuuf tolchaa jiran. Daangaa qofaa odoo hin taane, Oromoon of danda’ee jennaan miidhaan isin irra ga’u salphaa miti, ofiin of-Bulchuu har’a argattan kana ni dhabdan jedhanii ummatoonni akka ilkaan nutti qaratan taasisuu keessatti wayyaaneen waa hedduu hojjattetti.

Gama Biyyoota ollaatiinis haalli wal fakkaataan boruu nu miidhu danda’an nu irratti hojjataniiru. Biyyoonni ollaa dantaa Oromiyaa keessaa akka qabaatan taasisuun , dantaa isaanii kana kabachiisuuf waayyaaneen ala furmaati birii akka hin jirre, keessattu Qabsoo Oromoo gufachiisuu keessatti qooda mataa keessanii ba’aa jettee wayyaaneen shira nu irratti hojjatte irratti nuuti ammam sochoone ? yoo jenne hegareen keenya waa hedduun xaxamu isaa argina.addatti Ummattoota kibbaa waliin baraanu akka walitti hin deebineef hedduu nu irraa fageessaa jiran.

13.AMANTIIN WAL QABATEE :

Wayyaaneen waldaalee Amantii giddutti shirri hojjattu waggoota 21f daawwataa jiraanne. Wayyaaneen waldaalee Amantii keessatti hammeenya hedduu hojjachuun miidhaan geesfte lakkoofsa hin qabu. Wayyaaneen ilaalcha warra alaa ilaallachuun Amntiilee daangaan alatti akka heddummaatan kan taasifte wayyaanee mataa isheetii . yeroo haalli itti tolu didu ammo isin tu’adhe malee kan jettus isheema mataa isheetii . waldaalee Amantii baayyisuu fi hordoftoota giddutti , obbolaama giddutti shirri hojjatte , maatiin tokko bakka meeqatti adda ba’ee akka wal nyaatuu fi rakkoon hawaasummaa hammaatu taasisuu keessatti shirri hojjatame seenaatu baasa. Wayyaaneen Amntiilee amma kanaaf beekumtii laattee jirti Amnti waaqeffaannaaf garuu xiyyeeffannaa laattee hin beektu . kun dantaa wayyaanee Waldaalee Amantiii keessaa barbaachii akka gaaritti kan argisiisudha.

Har’as waldaa Amantii Islaamaa keessatti gaggeessaa kan jirtu haala wal fakkaataadha. Amntii haaraa galchitee balbala amantii heddummeessu wayyaanee mormuu irraa wayyaaneen har’a waan qaanii hordoftoota Amantichaa irratti hammeenya hojjachaa jirti . kana keessan ammoo Goftolii ishee irraa deeggarsa argachuuf , mootummaa Islaamummaa dhaabuu barbaadu jettee shira gaggeffatti . kun hundumtu dhiroota wayyaanee umurii dheeraffannaa fi isa kaan dhabamsiisuuf gaggeessituudha.

SHAKKII WAYYAANEE HEGAREE ISHEEF YAADDA’UU :

Wayyaanoonni (gareen mallasaa ykn Barkatifaa ykn Adihaanoomfaa) adda durummaan gaaffii Oromoo irraa shakkii ol-aanaa qaban. Kana irraa ka’uun hojiilee misoomaa naannoo isaanitti hojjatatan akkuma jirutti ta’ee , hegaree isaanii yaadu irraa , Hidha Takazee ijaaruu , warshaalee adda addaa ijaaruu , kkf ala, Daandilee sudaan geessan, Jibuutii geessan, akkaataa boba’aa sudaan kibbaa baasanii QARQARA TIGIRAAYI irraan geessanii jibuutii geeffatan irratti waan wixinamee jiru hedduu nama raja kan jedhan ni jiru. Kana jechuun kiyya Tigiraayi ni foxxoqxi jedhee yoomu hin yaadu. garuu abbootiin Biyyaa Biyya nu harkaa fuunaan waan kana hojjachuu hin dandeenyu jedhanii saamichi gaggeessaa jiran salphaa miti. Egaa diinni akkasi gama lamatti saganteeffatee nu dhamaasaa jira.

SHIRA OPDO KEESSAN NU IRRATTI HOJJATAN;

Hiwaat ijaarsa isaa kaasee iccitti hedduu qabaachuu har’a bakka gara garaati saaxilamaa jira. Hiwaati keessatti addaa addummaan bara 1976 kaasee jiraachaa ture, har’a qabsoo keenya keessatti dhiibbaa taasisaa jiraachuu waan mumul’isan ni jiran. Yeroo biro kan itti deebinu. Hiwaatoonni Ijaarsa OPDO irraa kaasee shirri hojjatan lakkaa’amee kan dhumu mit. Keessattu gandaa fi Amantiin Oromoota adda qoodanii walitti buusuuf ykn wal dura dhaabuuf shirri gaggeeffame ni jira.

OPDOn loltoota booji’amtoota Dargii irraa ijaaramuun waan haqaati. Dadhabiina gandummaa waggoota 150 oliif nu diigaa ture, har’allee waan kana of keessaa baasuu dadhabnee itti wal takkaalluun waan hojjatte qabdi. Wayyaaneen OPDO ega Biyya qabatanii kaasanii hanga bara pirazadantummaa JUNADDIITTI Angoo irra kaa’anii kan itti fayyadamaa turan, ilmaan Oromoo dhalotaan godinaalee gara garaa jiraatanis, irra jireessa warra karaa dhihaa fi Amantiin isaanii Kiristinnaa ta’e qofaa irra kaa’auun waan jiru gaggeessaa turte. Haaluma kanaanis sochiin Dargaggootaa , hojjattootaa fi Barattootaas gama kanaan kan heddummaatuu fi giddu gala keessaallee kan hammaatu ture.

Kana booda wayyaaneen caasaa jiru hundumaa diiguf jecha, warra duraan dhalattoota karaa dhihaa ta’an hundumaa irraa buuftee, humna ykn garee JUNADDIIN durfamu, abbaa Duulaanis utubamu angotti fidanii , gareen junaddii warra kiristaanaa Ormiyaa bulchaa ture irraa akka angoo fudhatetti ittii himanii akka ijaa ba’u taasisan. Junaddiin Hojjattoota Mootummaa Oromiyaa fi Barattoota irratti yakka seenaan hin dhiifneef hojjachuuf kan garaa jabaate, junaddii Amantii Islaamummaa leellisu ta’u hubachuu fi gara jabiinaan caasaa jiru nu diiga jedhanii hammeenya sana hundaa akka raawwatu taasisan. Isa booda Junaddiin caasaa isaa ijaaruuf , namoota akkamii angotti akka fidee fi maal akka hojjate seenaaf haa dhiifnu. Waan inni Biyya keessatti ijaare garuu Biyya alaatti ce’ee dhiibbaa nu irraan ga’e hundatu beeka. Kan nama raaju toftaan wal fakkaataan Bulchiinsa Mootummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamuu fi ramaddiin barbaachisu gaggeeffamuu ega eegalee waggaa lakkofsiisee jira. Haalli kun haala akkamiin akka of mul’isu arguuf teenya.

Hordoffiin waggoota 20 kun kutaa 3n ykn fuula 30n kan katabamee dhumu miti. Gara fuuala duraatti itti fufa. Garuu diina akkamiitu akka nu fuuldura jiru hubachuu fi adeemsa keenya sirreeffachuuf kan nu gargaarun kaa’ee. Qabxiilee kutaa 3n kaase kun maaliif barbaachisee jechuun hin hafu. Deebii gabaabaan , diinni hangam gadi fageessee nu irratti hojjataa akka jiruu fi nuuti ammo garraamummaa keenyaan maal keessa akka jirru haa hubannufii.ya diina qara meeqa nuuf qabatee jiru , dhalotaan yaadee nu irrati hojjatuuf, sagantaa siyaasaa fi seera bulmaataa jennee daaddee jechuun keenya hamileema ummataafu maal jechuu akka ta’e itti haa yaannufii . diinni humna nu dhabsiisuuf jecha karaa nuuti hin beekneen nu seenee , adda nu diigee ofii jiraachuu akka danda’ullee hubachiisuufii.

Dhimmoota ykn shiroota wayyaanee ani kaasee harka sadii caalan ni jiran.fakkeenyaaf, wayyaanee keessaa Qabeenyaa saamanii Biyya alaatti kan kuufatan Doolaara Biliyoona 15 ga’uu addunyaatu irraa haasa’a . maallaqa kana Biyyaa baasuuf Baankileen seeraan Biyya keessaa hojjatan eenyufaati ?akkamiin Qabsoo Ummatootaa Biyya alaa jiru diiguuf itti fayyadamu ? gara fuula duraatti kan irratti katabamu. Garuu shiroota wayyaanee ani kaase keessaa dhimma Oromoo kan ta’e harka 90 ta’a. dhaaba ABO kan jedhuuf abbaa qabaachuu isaan dhiifnee jechuu kiyya . kan hafan hundumtuu Oromoo ilaallata malee garee tokko ykn dhaaba ykn miseensa ykn deeggaraa qofaa kan ilaallatu miti. Dhabamuun keenya hunda keenya ilaallata. Waan walitti nu ilaallatu irratti ammo, hundi keenya harka wal qabachuun nu irra jiru mul’isuufan seenaa darbeen wal qabsiisee kaa’e. diina qorannoon nu irratti hojjatu , kufaatii isaas qorannoon hin taasifnu taanaan rakkoo nutti fida. Dhalooti har’aa akkamiin hegareen isaa odoo kolfaa jiraatu akka itti dukkanaa’utti malaan irratti hojjatamaa jiru hubachuu isaan barbaachisa. Qeerroo Oromoo Qofaa odoo hin taane, Ummati Oromoo bakka jirutti sochii irraa eegamu taasisuutu irraa eegama. Ummati keenya bakka lama , sadii dhaabbatee miti bakka tokko dhaabbatee iyyuu jabiina hin qabu taanaan diina shiraan dhalatee guddate kana dura dhaabbachuun rakkoo ta’a.

Kana malees hojiileen nu eeggatan hangam bal’aa akka tan illee gamanumaa beekun dansaadha. wayyaaneen dhala Oromoo fi qabsoo isaa dhabamsiisuuf karaa hundaa mataa nu maraa jiraachuu kan hubattan natti fakkaata. Toftaa diinaa mataa itti nu maran hin beeknu ykn quba hin qabnu taanaan , nuutiyyuu shira diinaa keessatti hirmaannee of balleessuun hin hafu. Yoomillee taatu akka diinni jedhutti isa kuffisuun hin danda’amu. Shiroota wayyaanee kana hundaa of irraa dhaabuun haa hojjannu.

Keessaan akkamiin nu maraa jiran ?

Waan gabaabaa kaa’u barbaadu, wayyaanoonni, deeggartoonni sirnoota kaleessaa fi humnoonni alaa , waan barbaadan keessa nu galchanii kaayyoo ganamaa nu harkaa baasuuf , kaayyoo nu jijjirsisu irra ga’uu isaanii fi bakka kaleessaatti nu deebisuuf mataa nu maraa jiraachuu isaanii .

Alaan akkamiin mataa nu maraa jiran ?

Humnoonni qabsoo Oromoo dhabamsiisanii bara baraaf jiraachuu barbaadan shirri nu irratti gaggeessaa jiran kan kutaa sadiin dubbifatan kanadha. Wayyaanee keessaa addatti waan kana adda durummaan kan gaggeessan eenyufaatii ? yeroo isaatti itti deebina . garuu wayyaaneen Oromoo laamsheessuuf Oromummaa isaa dhabamsiisuu waan jedhuun hammeenya nu irratti hojjatan , akka ka’umsaatti kan dubbistan kanadha.

Kanaaf Oromoo fi qabsoo isaa dhabamsiisanii bara baraaf jiraachuuf keessaanis alaanis mataa nu maranii , adeemsa biyya keessaa Ummati keenya itti jiru hoggeessu barbaadan.

DHALA OROMOO IRRAA MAALTU EEGAMA ????????????????

Ummati Oromoo waan irratti gaggeeffamaa jiru kana haalaan hubachuuu isa feesisa. Isa booda waan irratti shiramaa jiru kana fashalsuuf hojjachuu qaba. Warri Biyya keessa jiraatan qabsoo itti jiran jabeessuudha. Addatti kanneen siyaasa wayyaaneen keessa isaan hin galchine dantaa har’aaf jedhanii ummata bishaanii fi midhaan itti qabee jiraachisaa jiru dura dhaabbachuu irra dabranii , wayyaaneef utubaa ta’anii jiran , suduudaan itti himuu fi mormuu . Fincila diddaa gabrummaa jabeessuu , qabeenyaa wayyaanootaatti duuluu , hundumtu bakka jirutti diina irraa of qulqulleessuun murteessaadha. Akka hawaasaattis waan nu irratti hojjatamaa jirutti damaqnee miidhama nu irra ga’uuf deemu addatti waan dhaloota hegaree irratti hojjatamaa jiru dhaabuuf socha’uu barbaachisa.

Dhalli Oromoo Biyyoota hanbaa jiran , waan sabummaa keenya dhabamsiisuuf deemu irratti akkaataa qalbii tokkon dhaabbachuu danda’an irratti hojjachuu feesisa. Keessattu Biyyoota wayyaaneen wal ta’ee gaaffii keenya ukkaamsaa jiru , waggaa keessatti 2,3 hiriira ba’anii qabeenyaa keenya saamuuf jecha , ummata keenya hin ficcisiisinaa !! jedhanii hiriira itti ba’uu akkamiin dadhabu? Waan dhunfaa irraa kaasee nu ilaallatu hundumaa , itti gaafatamummaa isaa fudhanne hojjachuun dirqama keenya ta’uu qaba. Diina waloon nu dhabamsiisee bara baraaf jiraachuu barbaadu callisanii ilaaluun haa dhaabbatu. Waan hundaa dhaaba ykn garee tokkof qofaa dhiifnee taa’uun kun, sibiila nu irratti ijaaramaa jiru , of irratti jabeessun ala fala nu fidu hin qabu.

Humnoonni Qabsoo Oromoo gama tokkotti luucceessuuf halkani fi guyyaa hojjachaa jiran , hojiitti seenanii roorroo Ummata isaanii kana dhaabuuf Ummata sagalee tokkon ijaaruuf socha’uutu irraa eegama. Kan komee hafte illee qabu , shira nu irratti gaggeeffamaa jiru kana hubatee , waan dursa kennuu qabuuf dursa kennee wal dhaggeeffachuu danda’u qaba. Keessattu Hawaasi Oromoo Biyya ambaa jiraatu sochiin taasisu dachaa ta’uu qaba. Biyyoota dantaa isaaniif jedhanii nu awwaalaa jiran gama hundaan mormuun akka dhaga’aman taasisu qaban. Humna wayyaanee nama nyaataa akkasii of irraa kaasuuf sochii akkamii akka nu gaafatu tilmaamuun nama hin dhibu. Garuu akka Baqqalaa Garbaa mana hidhaa baasuuf mallatto ilmaan oromoo 20000 dhabee sanaa taanaan qaaniidha. Diinni soda tokko malee bara braaf nu qorqa. Waan nu irra eegama akka ummataatti fi dhuunfaatti baasuuf haa sochoonu.

Kanaaf dhabama irraa baraaramuuf yeroo keenyatti haa fayyadamnu . garraamummaan keenya dhaabbachuu qaba. Hundumtu daandii irra jiru haa hubatu. Hegaree keenyaaf walii galuu haa dandeenyu. Biyyi Qabsoofnuuf, Ummati qabsoofnuuf, Ummataa fi Biyyi qorannoo fi seenaa katabnuuf , sirbinuuf……har’a haala yaaddeessaa keessa jiru. Ammi waliigale , humna ta’ee asi ba’uu fi diina duraa dhaabbatee sochii Biyya keessaa jabeessuun haalaan murteessaadha. Yoos, marfama siyaasaa keessaa baanee Ummata keenyaaf wabii taana.

Wayyaaneen Waraana Afriikaa irraa humna wa hundaa qabu fakkeessee dhiheessun kun shira isaa keessaa tokko ta’u hubachuu nu feesisa. Muuxannoo Addunyaa irraa haalaan yoo xiinxalle, abbootii irree qawwee hanga funyaanitti hidhatan kan kuffisan, Ficila Ummataan ta’uu guyyaa argaa jirra. Maarree kana maaliif hin qindeessinu ?????????????maaltu nu hanqate. Wayyaanee kan dhabamsiisu fi harka laachisu kana qofaadha.

Yaada qabaannaan, burqaa430@gmail.com

Tan dabran:http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/mataa-nu-maraa-jiruu-2/
http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/mataa-nu-maraa-jiruu/

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: